top of page
Search
  • Writer's pictureIzeddin Kelifa

Seenaa Hidda Latiinsa Oromoo Maccaa Naannoo Shanan Gibee

Oromoon Maccaa naannoo kana(amma irra jiru) kan qubate jaarraa 16ffaa walakkeessa lammaffaa keessa yeroo Oromoon gara kibba Mormoritti babaallachaa turettii dha. Mootummaan duraan naannoo san ture Impaayera Itoophiyaa fi Sulxaana Adaal bulchinsa Ahimad Giraanyi(imaamu ahmad al-ghaazii) jalatti waraana geeggeeffameen kan dadhabe yoo ta'u waraana fi buttaa garbaa kan abbootiin waraanaa warra Kiristaanaa geggeessaa turaniin ummanni duraan naannoo sana ture bayyee xiqqeessee ture.


Hiddi latiinsa Oromoo Maccaa maddootii adda addaa, fi afoola Oromoo Akksumas manguddootaa baay'een wal dhabu.

Akka maanguddoonni Gariin jedhanitti

. Oromoo Jimmaa gosa beekamaa kanneen

lakkaa'anii geessanii Baareentuutti galchan ni jiru. Baay'een isaanii

immoo isuma sana lakkaa'anii Booranatti galchins Ni jiru.


Akka bal'inaan beekamutti Macca Booranatti gala. Akkuma

jennee dabarasine manguddoonni lakkaa'anii Baareentuutti

galchanis ni jiru. Fkn kitaaba sheekota Coqorsaa irratti gosa

Diggoo akkanatti lakkaa'a: Diggoo, Jaarsoo, Koloo Biloo

Waayyuu Hariiroo Jimmaa Hakaakoo Maccaa Raayyaa

Sirbaa Gabaxoo Bofoo Baareentuu Baareentummaa jedha.


Kana males Kitaaba Dr.Kataboo irratti immoo Hakaakoo, Macca, Raayyaa, Jidda,

Sirbaa, Gabaxoo, Boorana, Oromoo jedha. Kunis dhugaa ta'uun isaa namatti hin mul'atu. Ilma Booranaa keessatti

Gabaxoon lakkaa'amuun beekamaa miti.


Gara biraan Ammoo kitaabni seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa irra jirus kanatti dhihoodha:

Diggoo, Jaarsoo, Koloo, Biloo, Waayyuu, Hariiroo, Jimma,

Akaakoo, Jidda, Maccaa, Raayyaa, Sirbaa, Gabaxoo, Bofoo,

Baareentuu, Baareentummaa, Xabboo, Hoofa, Abbayyoo

jedha. Kun lamaan hanga ta'e walitti ni siqata.


Akka manguddoonni keenya jedhanitti Macca ilmaan torba

qaba. Manguddoonni shan qaba jedhanis ni jiru. Kitaaboleen

sagaliin ga'anis ni jiru. Walumaa galatti seenichi wal makataa fi mirkanaa'aa kan hin taane dha


. Ilmaan Maccaa kunis Liiban, Jaawwii, Guduruu,

Daallee, Jidda, Hakaakoo, Oboo, Sibuufi Calliya jedhu.

Shanan duraanii maddi hunduu ilmaan Maccaatti lakkaa'u.

Warra boodaa immoo gariin ilma ilmaa godhee dhiheessa.

Fakkeenyaaf kitaaba Dr.Nagaasoo irratti Sibuun ilma Oboo

ta'ee dhihaate. Oboon Ammoo ilma Jechuu isaanii ti


Bakka gariitti Oboofi Sibuun ilmaan Daallee, Hakaakoon

immoo kan Jiddaati. Hangafti ilmaan Maccaa Liiban akka

ta'e manguddoonni baay'een ni dubbatu. Kanaafuu isaantu

dursee gadaa Maccaa fudhata. Akka Muhammad Hasan

jedhetti warra kana keessaa ilmaan Hakaakoo, Oboofi

Sibuutu konfidereesii sadachaa (sadee) uumanii gara Gibee

dhufan. Gosoonni Jimmaan keessa jiran

jiran baay'een

Hakaakootti galu. . Akka manguddoota Jimmaa

baay'eetti Jimma ilma Hakaakoo ilma Maccaa raayyaati.


Oromoon Maccaa Oromoo Tuulamaa wajjin sirna Gadaa tokko kan qabu yoo ta'u caffeen isaan kibba Finfinnee harraa kana ture. Jaarraa 16ffaa gara dhumaa keessa, Oromoon Maccaa sirna Gadaa mataa isaa kan dhaabbate yoo ta'u Caffeen isaas Odaa Bilii (Bisil) ture; kunis yaa'aa olii Gibee keessatti argama. Makkoo Bilii gadaa Maccaa kana waame. Addaan bayiinsa kanaaf Maccaa fi Tuulamni walii walii isaanii itti gaafatamaa akka godhanus taasise.


Qubsumni Maccii naannoo amma jiraataniitti godhe kun garee guguddaan odoo hin taane garee xixiqqoon kan godhame ture, maqaan gosoota Maccaa ammallee akka maqaa iddoowwaniitti bakka baayyeetti tajaajilaa jira. Ummanni afaan Omootiikii fi Naayiloo-Sahaara dubbatu kan duraan naannoo sana ture jalqaba gabbaro (gabbara) yoo godhaman dhawaata garuu gosa Maccaatti makamanii Oromoo ta'an.



Macci ijoollee shan qaba, isaanis shanan Maccaa jedhamuun beekamu. Shanan Maccaa kunis: [ Liiban, Jaawwii, Guduru, Daallee (Daadhii) fi Jidda ]


Ijoolleen Maccaa shanan eenyu eenyuun horan jennee yoo ilaallu:


-Sadan Liiban {Ammayya, Waliso fi Kuttaaye ]

- Ja'an Jaawwii {Amuuru, Horro, Jimma, Ebantuu, Libaan fi Jidda }

-Torban Guduruu {Maloolee,Looyyaa, Aammillee, Illaamuu, Lukkuu, Sirbaa fi Handaraasa }

-Torban Daallee (Daadhii) {Obo, Sayyo, Sibuu, Tummee, Limmu, Noonnoo fi Daanno }

-Arfan Jiddaa {Akaako, Jimma,Laaloo,Biloo,Qoree, Sadacha fi Badii ]


Oromoon Maccaa N/ Gibee kana Qubatan Gadaan Akka bulaa fi Wal Bulchaa turan! Seenaan ifatti kan Nuuf muldhisuu dha.

.

Miseensi Caffee isaanis Sadachaa ilma Maccaa # Akaakoo kan jedhamuudha.

Akaakoon ilmaan Afur qaba.

Isaanis :-

1. Sadachaa

2. Jimma

3. Badii

4. Harsu jedhamu.


Afran ilmaan Akaakoo keessaa Jimma ilmaan shan(5) horuun gara gosa guddaatti kan of guddisee dagaagee yoo ta'u , Ilmaan isaas :-

1. Biloo

2. Agaloo

3. Caaloo

4. Abbukaakoo

5. Qoree jedhamuun kan beekamanidha.


Limmu , Liban , Jidda , fi ilmaan maccaa kanneen birootiif Obboleessaa Tiruu kan ta'e Akaakoo ilmaa isaa # Bulchinsa _ Caffee _Sadachaa jedhamu jalatti waggoota dhibbaa ja'aaf (600) Sirna Bulchinsa hammayyaa jaaraa 21ffaa keessaattii illee dheebuu ummataa Adduunyaa ta'ee dinqisiifatamu kan Adduunyaan maqaa Giriikootni itti moggaasaniin bakkayyuu beekuu Sirna Gadaatiin hammatee waggaa saddet saddeetiin Baalii wal harkaa fudhachiisaa hamma walakkeessa jaarraa 19ffaatti akka turan seenaan ni yaadata.


Galmi Bulchinsa Caffee-Sadachaa isaanii kunis'' Odaa _Hullee jedhama. Innis Godina jimmaa Ona# Oomoo _Naaddaa ganda # Hullee _Beeyyamitti kan argamuu dha

Odaan _Hullee Odaalee oromoo jaarraa.21ffaatti diinaan irraa deddeebiin muraman keessaa tokko akka Ta'e Hayyoonni seenaa Ragaa ba'u.


Walakeessaa jaarraa 19ffaatti Jimmaan Akaakoo caffee sadachaa erga diganiin booda Mootummoota goonfoo bibbicuu lakkoofsaan buusaa tokko (6) ta'anittii addaan caccaban. Isaanis.


# mootummaa _Gaaroo _mootummaa _Foollaa _Guumaa _Geeraa _Jimma _Gomma , fi kkftti faffaca'uun Akka Naannootti Dhaalaan bulchaa turani.


Dhuma jaarraa 19ffaa keessaa # Jimma _Foollaa _fi _Gaaroon of jalattii cabsuun impaayera oromoo guddaa fi giido qabeessa ta'e Uummaachuun mootummoota shanan Gibee keessaa isa beekamaa ta'eera.


Mootummoota Oromoo Shanan_ Gibee jedhaman

1. jimma

2. Gomm

3. limmu

4. Geera fi

5. Gummaadha. kanneen keessaas jimma hamma Bara 1933ttii Itiyoophiyaa Biyya jedhamtuttii otuu hin makatin Biyya _oromoo _ waraana calanqoo _booda _waggaa _50f birmadummaan turte akka taatee beekuun barbaachisaadha. erga caffeen sadachaa diigamee asitti mootummoonnii gonfoo seeraa fi heer isaanii kan tumatan #Odaa_ Hulleetti. kanaaf heerrii hin baareefamin Jimmaa tumaa _Hullee jedhamu. hamma jimma Itiyoophiyaatti makamtuttii tajaajila kennaa ture. # Tumaan _ Hullee erga jimma bara 1933ttii Habashootaan weeraramtee fedhii male Oromummaa molqamtee Itiyoophiyaa jedhamtee kaasee hojii irra oluuf carraa hin arganne _ mootiin jimmaa #Abbaan jifaar _ caayaa _ odaa _Hulleetti _akkaan _jedhiidhaan _ heera _tumatachui _fi _saganta _ Raada _ jaalallee jedhamuuf waggaatti yeeroo lamaa ol achitti akkaa walgahan seenaan bifa afoolaatiin ni ibsa.


2 views0 comments

Comments


Post: Blog2_Post
bottom of page