top of page
Search
  • Writer's pictureIzeddin Kelifa

Gola Seenaa Oromoo

Akkuma kutaa tokkoffaa irratti tuquuf yaalle.

seenaan biyya keenyaa loogii irraa bilisa ta’ee kan barreeffame miti.sababni isaas


Hayyoonni seenaa biyyatti barreessuuf carraa argatan irra hedduun isaanii kutaa murtawaa tokko irraa waan dhufaniif eenyummaa murta’aa tokko qofa giddu galeessa godhachuun

. seenaa isaanii gadi fageenyaan cimsanii barreessanii seenaa eenyummaa isaaniin ala ta’emmoo akka waan sabni sun abbaa biyyaa hin taaneetti, akka eenyummaan saba sanaa biyya biraatii dhufeetti fudhatanii barreessuu danda’ani


akkasumas tooftaa adda addaatti fayyadamuudhaan seenaa ofiif fedhan qofa filatanii, kaanimmoo cilatteessanii, irra utaalanii,jallisanii barreessaa turan.


Sababa kanaaf seenaan itoophiyaa keessatti barreefaman baayyinaan seenaa kutaa kaabaa irratti xiyyeeffatu malee kutaa kibbaa , bahaa fi dhihaa hedduminaan hin ammanne.


Seenummaan worra kaabaatu akka waan qoodameetti seenaa worra kibbaa, dhihaa, bahaati jedhaamee barreffamaa ture.akkasumas akka amantiitti amantiin bakki guddaan kennameefi seenaan isaa irra deddeebi’amee barreeffamu amantii ortodooksiiti.


Tooftaalee barreessitootni kun itti fayyadaman keessaa~


1 seenaa filachuu: as keessatti barreessitootni kun :bara, taatee,hidda mootummootaa,aadaa fi afaan, Eenyummeessaa saba tokkoo qofa irratti hunda’anii barreessaa turan.

Fknf barri jarri xiyyeefannoo guddaa kennanniif jaarraa 4ffaa____ 7ffaa, 13ffaa___16ffaa, jaarraa wolakkeessa 19 ffaa irraa hanga ammaati.


taateen Jaarraa 4ffaa__7ffaa tti ta’e maali jennee yoo ilaalle

Bara mootummaan aksuum itti cimee naannoo sanarra darbee biyyoota adda addaa to’ataa turedha. Keessattuu bara mootummaa izaanaa fi kaaleb biyyoota kanneen akka nuubiyaa, biyyoota arabaa( yeman) itti to’atanidha.


Akkasumas bara amantiin kiristaanaa biyya keessa seeneef akka biyyattiitis babaldhatedha.


Taatee jaarraa 13__16ffaa keessa tahe maali?

Yeroo kanatti mootummaan sirna salamoonawaa ofiin jedhee kijibaan dokumentarii sobaa “kibre nigist” jedhu baafachuun , nuti hidda latiinsa salamoonawaa waan taaneef mootummaan namarraa osoo hin taane Rabbi irraa nuuf kenname jechuun Aangoo fudhatee bulchaa turedha.


Taatee wolakkaa jaarraa 19ffaa irraa hanga ammaa jiruhoo maali?


Yeroo mootummaan salamoonawaa jedhu kan duraan laaffatee ture deebiyee itti cimedha.mootummaa kana jalatti kan hammataman( Tewdroos, minilik, haylessilasee….) faadhaa.


2 seenaa irra tarkaanfachuu

barri jarri seenaa irra tarkaanfataa turan

Keessaa jaarraa 7ffaa__ 13ffaa, 16ffaa, 17 ffaa, 18ffaadha


sababni jarri jaarraa7ffaa___13ffaatti irra tarkaanfataa turaniif maali?


* Bara mootummaan seem( aksum) itti dadhabee mootummaan ilmaan kush( zaguwe daynestii) itti asgore bara kana ture.

* Bara amantiin islaamaa biyya galeefi baayyees itti babaldhatedha.akkasumas bara mootummaa mataa isaa kan mootummaa shawaa jedhamu itti ijaarratee jaarra( 9__13 )tti bulchaa turedha.


Sababa jarri jaarraa 16ffaa irraa tarkaanfataniif maali?


*Bara mootummaan salamoonawaa itti dadhabeef bara mootummaan islaamaa( adaal) humna guddaa godhatee mootummaa salamonawaa kana rukutedha.seenaa kana keessatti kan beekamu imaam Ahmad ibrahim algaaziidha.sababa kanaaf ture Ahmad giraany jedhanii kan moggaasanif.


*Bara ummanni Oromoo itti cimeefi lafa duraan irraa saamamee ture deeffatedha.


Sababni jarri jaarraa 17 fi 18 ffaa irra tarkaanfataniif maali?

*bara ummanni Oromoo mootummaa mataa isaa danda’e ijaaredha( shanan gibee, horroo harargee, wolloo fi k.k.f).

* Bara islaamni mootummaa islaamaa cimaa( sulxaaneet) itti uummatee socho’aa turedha.


Bara kana ture “zemena masafint” ykn bara mootummoota xixiqqoo jedhanii kan itti moggaasan.


3 seenaa xureessuu

Tooftaan kanatti kan jarri fayyadamaniif seenaa sana guutummaan guututti dhoksuun yoo waan hin danda’amne ta’edha.fkn saba tokkoof fakkii bineensummaa itti maxxansuuf fi gara lafeessa akka hin taane barreessuun dhalootatti dabarsu


4 seenaa jallisuu

Asirratti seenaa dhugaan sabni tokko qabu,isa gaarii keessaa kan ofii godhatanii, isa dabaa ofii jaraa immoo kan saba sanaa godhanii barressuun seenaa dhara dhugaa irraa fagaate Dhaloota dhaalchisanii jiru.



Xumurre nagaatti

1 view0 comments

Комментарии


Post: Blog2_Post
bottom of page