top of page
Search
  • Writer's pictureIzeddin Kelifa

Gola Seenaa Oromoo


Izeddin kelifa



Gola Seenaa Oromoo

Kutaa 3ffaa

Gola seenaa kutaa 2ffaa keessatti seenaa biyya keenyaa keessatti xiyyeeffannoon kan itti kennamee barreeffame seenaa worra kaabaa fi amantiinimmoo amantii ortoodooksii ta’uu huubannee jirra.


garuu faallaa isaatinimmoo seenaan oromoo akka wolii galaattiifi seenaan amantii musliimaa akka wolii galaatti hedduu hin barreeffamne.

Caaalumattiyyuu eenyummaan kun lamaan hanga yeroo dhiyootti biyya kana keessatti yakka guddaa ta’ee ilaalamaa ture.


Eenyummaan kun lamaan yakka ta’uudhaan wolqabatee, amma hammamtu barreeffame jennee yoo ilaalle as diheenyatti naannoo bara 1980 mootaa keessa seenaan Oromoo hayyoota baayyeedhaan barreeffameera.


Kitaabootni kun eenyuufaadhaan akka barreeffaman kan jedhu armaan gadiitti kan waliin ilaallu ta’a.


Akkuma kanaan dura jedhaa turre barreessitootni kaabaa kun sodaafi jibbiinsa qabanurraan kan ka’e ummatni oromoo akka waan bakka biraatii dhufeetti barreessaa turan.


Kun garuu dogoongora guddaadha. Sababootni baayyeen ummatni Oromoo ummata durii kaasee biyyattii kana keessa jiraachuusaafi bu’uuressaa biyya kana ta’uu ibsu hedduudha


.Fkn

1 seenaa arkioloojisyootni ykn kitaabumti amantii jaraa barressan ummatni kuush ummata afrikaa keessa jiraataa ture akka ta’e akeeka. Asirratti kitaaba amantii kakuu moofaa woggoota 4000n dura barreeffame yoo ilaalle ummata nuubaa ,ykn ummata naannoo suudaam jiraataa turan ummata kuush jedhanii waamaa ture.


2 akka arkioloogistootni jedhanitti ummanni kuush woggaa 8000n dura kaaba-baha afriikaa keessa jiraataa turan kan jedhudha.


3kitaabni Dr lasphisoos asirratti ragaadha(ummatni kuush naannoo kana woggoota 15000n dura jiraataa turan jedha.





4gara biraatiin ragaan worroota afaan qoratanu yoo ilaallu ummatni kuush ummata kaaba-baha afriikaa turaniifi boodarra gara giddu galeessaatti godaananii jiraata turanidha jedhu.


Asirratti wanti huubatamuu qabu horteewwan kush hedduu keessaa oromoo qofa qobaatti baasanii biyya biraatii dhufe jechuun isaanii dogoggora seenaa wollaaluu irraa dhufedha.


Godaansi Oromoo duraan kaaba irraa gara kibbaatti ture garuu boodarra yemmuu mootummaan salamoonawaa ijaaramu keessa dhiibbaa guddaan giddu galeessa irratti ummata oromoorra gahaa ture.yeroo kana keessa wirtuun gadaa oromoo giddu galeessa biyyattii jiraachuu waan dadhabeef wirtuu gadaa oromoo kan ta’e odaa nabee( duukeem ammaa) bara 1316 buqaahe. Ammas marsaa lammaffaf ijaaramee ture taus ammas achii buqqa’un gara madda wolaabuutti godaane.

Osoo hedduu hin turin ammas ummatni Oromoo bara gadaa gichillee sirna haaromsaa godhatee haccuuccaa duraanii ofirraa deebisuu jalqabe. Sochiin oromoo Booranaa fi baarentuu ammas deebi’ee lafa jaraa qabachuu eegalan.


As keessatti kan nuti ilaallu sochii kan ilmaan booranaati. Worreen ilmaan booranaa jedhaaman( maccaa fi tuulama) gara kibba dhihaa itoophiyaa lafa duraan irraa fudhatame kana deebiifachuu eegalan.

Qaamni odaa nabee duraan irraa ariaman deebi’ee dhufee qabate maccaa fi tuulamadha bara (1559).suuta suuta keessa oromoon macca fi tuulamaa hanga dhufee odaa bisil gahutti woliin qabsahaa ture. Booda maccaa fi tuulamni adda bahee, macci giddu galaafi naannoo gibee akkasumas worri kaan gara dhihaatti godaanan.akka kitoobootni tokko tokko jedhanitti macci bakka 2 tti bahe


Isaanis ilmaan afreefi

Ilmaan sadee ykn sadachaati.


Ilmaan maccaa sadan ( sibuu, akaakuu fi obuudha) gara giddu galeessa gibee kana qubatan. Ilmaan maccaa sadan gara gibeetti godaanan kun jaarrota dheeraf naannoo sana erga jiraatanii booda mootummaa mataa, mataa isaanii uummachuun of bulchaa turan. Akkasumas mootummaa mataa, mataa jaraatiin of bulchuu eegalan yoo ilaalle mootummaa limmuu inaariyaa, guumaa, goommaa, jimmaa fi geeraa jedhamuun beekamu. Mee waa’ee seenaa mootummoota shanan kanaa osoo hin ibsiniin dura , seenaan mootummoota kanaa maaliif barreeffamuu dhabe? Maaliif seenaan jaraa dhokfamee fi eenyutu dhokse kan jedhu woliin ilaalla.

Akkuma kanaa olitti ibsuuf yaalle seenaan Oromoo kibba dhihaa fi dhihaa hayyoota tokko tokkoon barreeffamaniiru fkn


profeesar mahammad hassan xiyyeeffannoo guddaa gochuun kitaaba Oromoofi itoophiyaa jedhu keessatti seenaa oromoo shanan gibee baldhinaan qoratee jira.



Akkasumas Dr negaasoo gidaadaa seenaa Oromoo gara dhihaa irratti xiyyeeffachuun kitaaba barressaniiru.




Gara biraatiin Alberti luwis Namni jedhamu seenaa oromoo shanan gibee keessaa kan limmuufi jimmaa hanga ta’e barreesseera.



Asiratti wanti huubatamuu qabu seenaan barreeffame kun faffaca’aadha malee qindaahee bifa shanan gibee fakkaatuun hin barreeffamne.


Egaan Sababni seenaan oromoo shanan gibee haala barbaadameen guutamee hin barreefamneef keessaa inni tokko qorattootni seenaa naannoo kanaa qoratan qaccee dhuma qaccee tuquun irra darbuu isaaniti.

Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne mootumotumti shanan gibee eenyuun akka hundeeffame,yoom akka hundeeffame,akkamiin akka hundeeffame, mootumootni meeqa akka turan,yoom akka kufan kan jedhu sirriitti deebii kana deebisuu hin dandeenye ture.

Asirratti kitaabni seenaa shanan gibee irratti barraahan keessaa kitaabni hanga ta’e jalqabbii bareedaan seenaa naannoo kanaa ibsu kitaaba”seenaa shanan gibee” jedhu kan injinar Gaalii abba booriin barraahedha.





Namoonni seenaa Shanan Gibee kana barreessan irra hedduun isaanii Sirriitti Gad fageenyaan Qorachuu dhiisuu fi Amantiis jiddu Galeessa Godhachuun kan barreessanis Ni jiru.

Akka Fkn-tti yoo ilaalle.


kitaaboleen gariin akka biyyi aadaa Oromoo baay’ee balleesse Jimma ta’etti barreessuuf yaalu.kana malees

Sirna gadaa kan balleesses Jimmaan gochuuf yaalu.

Jila gara gadaa deemu akka mootoleen Shanan Gibee hundi dhorkanii

balleessanitti dhiheessu.


Yoo dogoggora mootii tokko irraa

argatan isii fuudhanii mootii Shanan Gibee hundaa waliin

ga’u. “Oromoonni labsii mootummaatiin sirna gadaafi

amantii waaqeffannaa dhiisanii amantii Islaamaa qofa akka

fudhataniif dirqamsiisaniiru” jedhu.


Kana kan ragaa Godhatanii Yeroo garaa garaatti maqaa Jimmaa fi Gootota ishee xiqqeessan keessaa Tokko Abbaa Jifaari


Abbaan jifaar sirna Gadaa dimokraatawaa Oromoonni shanan Gibee ittiin bulaa turan diiguudhaan mootummaa giddugaleessaa Jimmaa cimaa ijaaruu danda’aniiru. Isa kana Oromoon baay’een ija farrummaatiin ilaaluun hin hafne. Inni tokko tokko sadarkaa nafxanyummaatti kan isaan farrajus hin dhabamu. Haa ta’u malee ummata saanii dhumatii jalaa baraaruuf aangoo ofii aarsaa godhanii mootummaa abbaa irree Atsee minilikiin hoogganamuuf harka laachuuf dirqamaniiru. Yeroo sanatti humna walgitu waan hinqabneef harka kennachuun ala carraa biraa hin qabanu ture.


Kana hammeenyatti jijjiiranii ittiin Alagaa tti dhiibaa turani. Kun Ammoo Dhumaatii ummata isaaniif yaadanii humna Qaban madaalanii meeshaa aadaa waggaa hedduu lafa tureen meeshaa Ammayyaa nafxanyootaa dura dhaabbachuun waan hin danda’amneef kallattii kanaan Ummata isaanii baraaraa akka turan seenaan kan ragaa nuuf ba’uu dha.


Kana malees

mootolee Gibee shanan keessaa yeroo sanatti afranuu muuda

ergaa turan. Tokkoon isaaniillee dirqamaan Muslima nama

hin goone ykn dirqamaan amantii Islaamaa nama hin

fudhachiifne.

. Inumaayyuu Gommas sababa

ummanni hundi 1820moota keessa Muslima ta’eef dhiifame

malee waaqeffataan tokko biyyattii keessa jiraatee mirgi isaa

dhiibamee muuda irraa hin dhorgamne. Abbaan Manoos

akka namni dirqiin amantii isaa dhiisee Muslima ta’u hin

goone.

Wanti beekamuu qabu bara sanatti naannoon fedhii muuda

dhaquu qabu hunduu qabeenyi kennameefii muuda deemaa

ture. Kana immoo kitaabichi mataan isaa bakka baay eetti

dubbateera. Oromoon Limmuu hedduun isaanii 1870moota

keessa sirna hawaasaa, diinagdeefi siyaasaa Odaa jalatti

geggeessa akka ture Triminghaam himeera. Antoniin bara

1843 achi ture Abbaan Bogiboo mataan isaa wareega akka

qalaa ture dubbata. Islaama keessatti raaga qaalluu jala

deemuun dhorgamaa ta’uu wajin Abbaan Bogiboo nama

biroo dhorguu dhiisii ofii isaatiif wareega qalaa akka turee

kitaabichi mataan isaa dubbateera.9 Yeroo jalqabaa sanatti

Gommaan malee mootummoonni Shanan Gibee kanneen

biroos akkasuma turan. Barreessaan kitaabichaa osoo kana

beekuu qomoo isaa irratti waan akkanaa barreessuun Sirrii

miti.


Haa ta’u garuu seenaa naannichaa ilaalchisee

odeeffannoo bu’a qabeessa tokko tokko ni qaba.

Barreessitoonni qomoo keenyaas osoo kana beekanii “maaliif

fedhii biraa itti maku kan jedhu gaaffii guddaadha.

kana fakkeenyaaf kaasne malee wantoota akkanaa baay’ ee

kaasuun ni danda’ama.


Yeroo seenaa barreessan osoo fedhii keenya barreessuu dhiifnee dhugaa jiru qorannee

lafa keenyee irra saba keenya fayyada. Amanamummaas yeroo sana arganna.


Amantii fedhan hordofuun mirga

Rabbiin ilma namaatiif kenneedha. Nama amantii sirrii dide

Rabbitu isa adaba malee namaa miti. Garuu amantiif jedhanii

seenaa saba ofii haaluun cubbuu guddaadha.


Kan nuti warra Natxanyaa komataa turreefis kanumaafi. Nuti waan

tokkoo fedhii wahiitiif jennee seenaa walii hanga ta’e jiJJiirra

taanaan kan isaanii homaa hin komachiisu.

Walumaa galatti “eenyutu akka ija kootii naaf kajeela?” jette

Sareen, “bofti abbaatu of mara” jedhe jedhama. Dhalattoonni naannichaa Of

dagatanii taa’anii nama biraatu seenaa nuuf barreessa,

addunyaatti nu beeksisa jedhanii eeggachuun gaalessummaa

bira darbee gowwummaa ta’a.


Garuu namoonni dhuunfaan

Sochii tokko tokko godhaa jiru. Kanaafuu sochiin dhuunfaa haala kanaan

godhamu qofti bu aa guddaa fiduu hin danda’u. Warraaqsi

seenaa godhamee sirriitti qoratamee hambaaleefi kitaaboleen Dhaloota kanaaf Ol kaawamuu kan Qabuu dha ✅.


Warri seenaa biyya kanaa barreessuuf qalama isaanii

fudhatan baay’een kanneen duriifi ammayyaallee waan

Oromoofi Islaama ilaallatu barreessuu keessatti shira fakkeessaatiin

irra deemaa turan. Seenaan isaa haalamuufi dhugaan

isaa dhokfamuun Oromoo hundaafi Muslimoota hunda

ilaallata. Oromoonni Shanan Gibee immoo yakka Oromummaafi Islaamummaa waan walitti hammatanii qabaniif jecha seenaan isaanii haalamee, gootni isaanii

dhokfamee, bu’aan isaan biyyaaf gumaachanis jijjiiramee


Maqaa isaanii Qofatu tuqama malee barreeffamoonni seenaa sirriitti Qoratanii Adduniyaatti isaan beeksisan hanga ammaatti hanga ta’e mitaaba ” seenaa shanan gibee” kan injiner gaaliin barreeffame male hin jirani..


Warra sirna Qarooma nafxanyaa Qaroome Qofatu odeeffannoo biyyattiin barbaadduu fi hin barbaadne murteessaa Turani.

Kanaafuu wanti isaan fedhan ni barreeffamaa wanti isaan hin barbaadne Ni hafa.


Keessumatyu irra hedduun barreessitoota seenaa ethiopia Gam Tokkee waan ta’aniif seenaa dhugaa haaluun irra utaaluun kan beekamanii dha.


Kunis sabaaf sablammoonni biyyattii seenaa Ofii wallaalee akka Of Dagatu Gochuu keessatti Ga’ee Guddaa taphatee jiraa…



Haala kanaan Seenaan biyyattii darbaan dabarsa Butamaa dhokfamaa Dhaloota kana bira geesse Jechuu dha kan Oromoo shanan gibee mudates kanuma


Xumurre!


Izeddin Kelifa





1 view0 comments

Comments


Post: Blog2_Post
bottom of page