top of page
Search
  • Writer's pictureIzeddin Kelifa

Seenaa: seenaa jechuun Maal jechuu dha?

Seenaa jechuun : maalummaa ilmi namaa keessa darbee ijaaramaa ijaaramaa dhufee kan inni ittiin of ilaalee amma eessan jira jechuun of baree, gara fuulduraattis maalan ta’uu qaba waan jedhu kan ittiin karoorsudha. Wolumaa galatti seenaa jechuun kaleessaa kee kan sibarsiisu , maaluummaa hadhaa keetii guutummaatti maal keessa akka jirtu kan siif ibsu akkasumas, borii keetiif kan siif karoorsudha.


Seenaan barumsa,jireenya ummataafi

mootummaa biyya tokkoo keessatti bakka guddaa kan qabuudha.


Seenaan saba tokkoo seenaa gootota isheeti. Seenaan duudhaa, afaanii fi amantiidha. Eenyummaan saba tokkoo kunimmoo seenaadhaan mirkanaa’a.


Seenaan Ergaafi xiinxala gadi fagoos ni qaba. Kanaafuu beekumsa

ilma namaa keessaa damee kanatti xiyyeeffachuun waan

dhokataa mul’isuuf, qabatama jiru ifa baasuuf, miira

kakaasuuf, barumsa irraa fudhachuuf, yaada jeequmsaa

dhaabsisuufi hirriba irraa dammaqsuuf kan akkaan ilma namaa barbaachisu dha


Sabni tokko afaan isaatiin gaafa barate ni

qarooma; ni dagaaga.


Ummanni seenaa isaa yeroo darbee hin beekne amma maal

keessa akka jiru beekuun itti ulfaata. Fuuldurattis maal akka

ta’u karoorsuufi tilmaamuu hin danda’u.


Hawaasni tokko ykn gareen tokko,garee tokko miidhuu yoo barbaade tooftaa inni ittiin gargaaramu keessaa inni tokko akka ati deebitee dudduubba kee hin ilaalle akkasumas seenaa ulfina keetii, seenaa kabajaa keetii akka ati hin ilaalle sigochuudhaan akka waan ati seenaa hin qabnee dhiibbaa gochuudhaan gara fuulduraatti akka ati hin tarkaanfanne sigodha.



Kana malees akka saba keenyaatti yoo ilaalle. Ummanni Oromoo saba Gadaan Waggoota dheeradhaaf bulee wal bulchaa turee dha. Yeroo Booda garuu sirni Nafxanyootaa biyya Oromoo koloneeffachuun goota hin qabdan;

seenaas hin qabdan jechuun

ummata seenaa hin qabne jedhanii nu

moggaasani. Inumaayyuu Oromoon lammii biyya kanaa miti jedhaanii itti

qoosaa turan! seenaa isaanii nu barsiisan. Afaan isaanii nu dubbachiisan.

Aadaa isaanii nu dhaalchisuun Eenyummaa Oromoo dagachiisanii

Oromoon akka of jibbu fi of tuffatu taasisaa Turanii ardhallee itti jiru..


Maal kana Qofaan dhaabbatan?!

Maqaa lafaa fi namaa

jijjiiruun, kan ofiitiin bakka buufachuun. Aarsaa fi wareegama gootonni

Oromoo kaffalaa turan ittiin of waamuun siidaa fi yadannoowwan addaa

addaa ijaaranii seenaa hin hojjenneen dhaadataa har’dha ga’an.

Seenaan biyya keenyaa yeroo baayyee loogii irraa kan bilisa ta’e miti.

Haala kamiin loogii irratti hundaa’ee barreeffame isa jedhu yoo ilaalle, qabxileen adda addaa jiraachuu malu.

Fakkeenyaaf seenaa sabaa fi sablammii bifa madaalawaa ta’een hayyootni kutaa,kutaa irraa wolitti dhufanii hin barreessine.akka sabaatti haayyotni seenaa biyya keenyaa barreessuu keessatti qooda fudhatan hayyoota gara kaabaa waan ta’aniif toftaalee adda addaatti fayyadamuudhaan seenaa barreessaa turan.

Toftaalee jarri itti fayyadamaa turan keessaa~

1seenaa filatanii barreessuu

2seenaa irra utaaluu

3 seenaa xureessuu fi

4 hiika seenaa jallisuudhaani.



Sabni Oromoo aadaa ormaa dhiisee yoo gara eenyummaa ofiitti deebi’e

male misoomuu fi qaroomuu hin danda’u jedhu Dr. Muhammad Shamsuddin


Akka barreessitoonni seenaa Jedhanitti.

seenaan kaleessa qofa osoo hin taane hardhaafi boris of keessatti hammata.

Har’a maal keessan jira, bor immoo akkam ta’uun qaba jedhee xiinxala.

Eenyummaan nama tokkoo kan inni ittiin baramu seenaadhaani.

Yoo seenaa ofii hin beekne eenyuun akka ta’e of baruu hin danda’u. Jechuu dha.

Kanaafuu seenaa biyya ofii bifa madaalawaa ta’een

qorachuun murteessaadha. Seenaa dhugaa irratti walii

galanii fuulduraaf karoora baasuun ummata hunda fayyada.

Barri nuti keessa jirru kun. yeroo ummanni seenaa isaa darbeefi

abbootii ofiitiin dhaaddatuudha. Kana malees bara namni

waan hidhannoo godhatee hordofu wallaalee dhamoo keessa

jiruudha. Kanaafuu seenaa abbootii keenyaa qorannee isa

gaggaariitti hidhannee dogoggora uumame sirreessaa

deemuun ga’ee dhaloota ammaati.





4 views0 comments

Comments


Post: Blog2_Post
bottom of page